Menu
Prev Next
A+ A A-

Oromoon sirna Gadaatin saboota biroo ofitti qabee waliin kan jiraatu ta'uu nuti ragaadha – Gadduu Aandaargaachaw

 

 

 

Finfinnee, Onkololeessa 25,2010 - Dhalattoonni Amaaraa naannoo Amaaraatti aansee baay'inaan naannoo Oromiyaatti Oromoo waliin jiraachaa jiru jedhan preezdaantiin bulchiinsa naannoo Amaaraa obbo Gadduu Aandaargaachaw.

Koonfariinsiin marii waliinii ummattoota Amaraa fi Oromoo naannoo Amaaraa magaala Baahir Daar galma Abbaayitti taa'ameera.

Ummanni Oromoo fi Amaaraa gaa'elaan, aadaa guddifachaa fi harma hodhaan walitti hidhamanii kanneen jiraatanidhaa jedhan obboo Gadduu Aandaargaachaw.

Shira qaamoleen nageenya biyyattii hin barbaanneen walitti bu'iinsi wayita uumamutti ummanni Oromoo dhalattoota Amaaraaf gaachana ta’eera jedhan.

Yeroo rakkinaa birmateefira. Kan buqqa'e yeroo deebisee dhaabu, kan mannii jalaa gubate deebisee yeroo ijaaruu fi hanga of dabrsee kennutti jaalala isaa wayita agarsiisu argaa turreerra jedhan, obbo Gadduun haasaa baniinsaa waltajjii marii waliinii kanarratti.

Ummanni guddaan kun akka qaamoleen tokko tokko waa'ee sirna Gadaa isaa hin beekneen jedhanitti; ummata saboota biroo ofirraa fageessuu osoo hin taane ummata, duudhaa saboota biroo ofitti qabee fi mararfatee walin jiraatu ta'uu isaaf nuti ragaa dabalataati jedhan obbo Gadduun.

Ummattoonni Oromoo fi Amaaraa saboota sablammootaa fi ummattoota biroo waliin ta'uun ijaarsa biyyattii bu'uura jabaa ta'e irratti hundaa’e galmaan ni geenyas jedhaniiru.

Yeroo kanatti artiist Alii Birraa, Qamar Yasuufii fi Taaddalaa Gammachuu sirba "Waa malli nu dhibee; jenne bitaa mirgaa " jedhu sirbuun preezdaantota waltajjiitti baasanii sirbisiisudhan namoota imimmaaniin dhiqaniiru.

 

gadduuu.jpg

 

Bizu’aalam Beenyaatu gabaase. (FBC)

back to top
Bookmaker with best odds http://wbetting.co.uk review site.

Waa'ee Keenya

Qunnam..

1.ORTO

2.FANA

3.ERTA

4.ENA

5.WALTA

Qunam3...

1.AMBO

2.ADAMA

3.HAAROMAYAA

4.JIMMAA

5.NAQAMTEE

Qunam2...

Qunam1...