Menu
Prev Next
A+ A A-

Deeggarsi ijaarsa hidha Haaromsaa cimee itti fufeera

Finfinnee, Onkololeessa 26,2009(oromiapo) – Deeggarsi ijaarsa hidha Haaromsaaf taasifamu cimee akka itti fufe Waajjirri Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Ummata Biyyoolessaa ibse.

Bara 2009 amma Birrii biiliyoona 2 walitti qabuuf sochiiin jalqabameera.

Daayreektarri dhimmoota koomuniikeeshinii waajjirichaa obbo Hayiluu Abrahaam akka jedhanitti ega dhagaan bu’uuraa kaa’amee jalqabee amma ji’a 3ffaa jalqabaa bara hojii kanaatti Birriin biiliyoonni 8.9 ummatarraa deeggarsa argameera.

Magaalatti karaa baankotaa, baadiyyaatti ammoo karaa dhaabbilee qusannaa fi liqaan gurgurtaan boondii gaggeeffamaa jira.

Waancaa hidha Haaromsaatinis maallaqni deeggarsaa walitti qabamaa akka jiru obbo Hayiluun ibsaniiru.

Bara 2004 waancicha yeroo jalqabaatif naannon Beenishaanguul yammuu fudhatu Birrii miiliyoona 33 ol, itti aansee naannoon Afaar yammuu fudhatu Birrii miiliyoona 71 ol, naannoo Tigraayii Birrii miiliyoona 81 ol, naannon Amaaraa Birrii miiliyoona 432 ol walitti qabaniiru. Yeroo ammaa ammoo naannoon Oromiyaas Birrii biiliyoona walakkaadhaa ol walitti qabuun isaa himameera.

Itti aansee waancicha kan fudhatu naannoo Kibbaati. Sirni wal harkaa fuudhinsaas ayyaana guyyaa sabaa fi sablammootaa Sadaasa 29rratti ta’a.

Bara baajataa kana keessas amma Birrii biiliyoona 2 walitti qabuun yaadameera.

FBC

back to top
Bookmaker with best odds http://wbetting.co.uk review site.

Waa'ee Keenya

Qunnam..

1.ORTO

2.FANA

3.ERTA

4.ENA

5.WALTA

Qunam3...

1.AMBO

2.ADAMA

3.HAAROMAYAA

4.JIMMAA

5.NAQAMTEE

Qunam2...

Qunam1...