Bara darbe namoonni miiliyoona 8 ol HIV qoratamaniiru
- font size decrease font size increase font size
Finfinnee, Onkololeessa 24,2009(oromiapo) – Ityoophiyaatti bara 2008 namoonni miiliyoona 8 ol HIV qoratamuun bu’aa qorannoo isaanii baraniiru jedhe Waajjirri Ittisaa fi To’annoo HIV/AIDS Federaalaa.
Kanneen keessaa kuma 45 kan caalan dhiiga isaanii keessatti vaayrasichi argameera.
Kunis vaayrasichaan haaraa kan qabaman, bara Faranjootaa 2001, 0.29% irraa gara 0.03%tti gadi bu’uu isaa muul’isa.
Bakkaa bakkatti gargar ta’us tamsa’inni vaayrasichaa 1.2%rra jira.
Waajjirichi kaleessaa kaasee magaalaa Hawaasaatti gamaaggama biyyoolessaa gaggeessuu eegaleera.
Tamsa’innii fi namoonni vaayrasichaan haaraa qabaman hir’atus ammas of dagannaan waan jiruuf bu’aan ammi barbaadamu hin galmoofne jedheera.
Kanaaf, hojiin ittisaa fi to’annoo cimee itti fufuu akka qabu waltajjicharratti ka’eera.
FBC