Menu
Prev Next
A+ A A-

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kab. Obbo Lammaa Magarsaa nageenya naannoo Ormiyaa mirkaneessuun hojii milkaa’ina akka hojjetan hawwii qaban ibsan

Kab. Obbo Lammaa Magarsaa Pirezidaantii MNO

Onkollollessa 13,2009(oromiapi.gov.et)Kabajamoo Obbo Lammaa Magarsaa Pirezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa ta’uun woyita muudamanitti haasaa taasisaniin lammiilee keenya kanneen jeequmsa naannoo keenya keessatti uumameen lubbuu isaanii dhabaniifi miidhaan qaamaa irra ga’eef manca’ina qabeenyaa mudateen gadda isaanitti dhagame ibsanii jiru

Akkasumas, lammiilee keenya ayyaana irreechaa jiruufi jireenya uummata Oromoo keessatti iddoo olaanaa qabuufi waggaa waggaan kabajamurratti hirmaachuuf kallattii hundaan Hora Harsadeetti argaman keessaatti rakkoo mudateen namoonni lubbuu isaanii dhabameef gadda cimaa isaanitti dhagahame maqaa isaaniifi Maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ibsanii jiru.

Yeroon kun jalqaba waggaa haaraa ta’uusaatti, waggaa walii gallee nageenya naannoo keenyaa mirkaneessinee hojii milkaa’aa itti hojjennu akka ta’u hawwii qaban dabarsaniiru.

Carraa kanaanis kabajamoo Caffeen Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’anii akka tajaajilaniif ergama Isaaniif kennuusaanitiifis galateeffatanii jiru.

Ergama guddaa yeroo murteessaa kana keessatti isaaniif kennameefi amaanaa ulfaataa isaanirra kaa’ame amantummaafi kutannoodhaan bahachuuf akka hojjetanis irra deebi’anii mirkaneessaniiru.

Ergamni kun guddaafi hulfaataa tumsa uummataa, Caasaalee Mootummaa, humnoota misoomaa hundaafi dhaabbilee adda addaa akka walii galaattis deeggersa hawaasa keenya mara kan barbaadu waan ta’eef gamtaan taanee caalmaatti qindoofnee hojjechuudhaan akka gahumsaan bahannu abdii qaba jedhaniiru.

Akkuma beekamu har’a kan walitti dhufne yeroo addaafi murteessaa dhimmoota siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa furmaata ariifachiisaa barbaadan baayyeen fuul dura keenya jiran xiyyeeffannaa gudddaan halkaniifi guyyaa hojjechaa jirru keessattidha. hojiilee murteessoo yeroo murteessaa kana keessatti raawwatamuu qabaniifi adeemsa guddina jalqabne itti fufsiisuuf bu’uura ta’an ga’umsaan murteessuuf hundi keenya yaadaafi gochaan waliigallee harka walqabannee miira itti gaafatamummaa olaanaan socho’uu itti fufuu yeroo qabnu keeessattidha jedhan Kab. Obbo Lammaan.

Akkuma hunduu hubachuu danda’utti waggoottan darban hojiilee guddinaa gama hundaan raawwatamaa turan jijjiirama abdii qabeessa fiduu kan jalqaban ta’us rakkoolee hawaas-dinagdee bara dheeraa kuufaman gahumsaan hiikuurratti hanqinni jiru baayyee guddaa akka ta’e ni beekama. Bu’aan dinagdee sochii misoomaa hamma yoonaatti galmaa’e lakkoofsa uummataa baay’inaan dabalaa dhufeefi fedhiiniifi dheebuu misoomaa guddachaa deemu waliin yeroo madaalamu quubsaa akka hin taane ifaa ta’uusaa dubbataniiru.

Sababii kanaan kutaaleen hawaasa gara garaa bu’aa misoomaarraa fayyadamuu dhabuun keessattuu dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuuf tattaaffii taasifamaa tureen bu’aa argamsiise xiqqaa ta’uufi hoji-dhabdummaan babal’achuusaatiin dargaggoota biratti abdii kutannnaa uumamuun bal’inaan mul’achuun isaa uummata keenya biratti madda mufii cimaa ta’uu akka danda’e ni hubanna jedhaniiru.

Hundaa oli rakkoon hanqina bulchiinsa gaarii caasaalee Mootummaa keesssatti hidda gad-fageeffachuun, waajjiroonni Mootummaa ilaalcha dulloomaafi hojimaata badaan xaxamanii, tajaajila saffisa qulqullaa’aafi haqa-qabeessa kennuudhaan uummata abbaa aangoo ta’e kabajaafi miira itti gaafatamummaatiin tajaajiluu dhabuun rakkoon malaammaltummaa babal’atee mirgaafi faayidaa uummataa miidhaa deemuufi kanneen fakkaatan komii uummataa yeroo dheeraati jalqabee ka’aa tureef madda guddaa ta’uun kan haalamu akka hin taane Pirezidaanti Lammaan dubbataniiru..

Keessattuu, caasaaleen mootummaa komii, yaadaafi gaaffii uummanni dhiheessu gurra keennanii dhaggeeffachuudhaan deebii uummanni itti quufu yeroodhaan kennuu dhiisanii ergama isaanii dagachuudhaan uummanni keenya mootummaa ofii ijaare irrattti amantaafi abdii akka dhabu gochuun isaa bu’uura rakkoolee jeequnsaa akka ta’e ifatti hubachuun akka danda’amus heeranii jiru.

Mootummaan keenya jalqabaa kaasee rakkoolee bulchiinsa gaariifi gaaffilee misoomaan walqabatanii uummata keenyaan dhihaachaa turaniif taattaaffii gochaa kan ture ta’us tarkaanfiin fudhatamaa ture lafarra harkifatee rakkoon kun dafee hundeerraa hiikamuu dhabuun isaa gufuu nageenyaafi guddinaa ta’uu danda’ee jira jedhan.

Akkasumas Pirezidaanti Lammaan ergamni keenya fedhiifi faayidaa uummata keenyaa bu’uura godhachuudhaan uummata keenya tajaajiluudha waan ta’eef uummanni keenya karaa seera qabeessaafi dimokiraatawaa ta’een gaaffii isaa ifatti dhiheessuufi deebii argachuuf mirga guutuu qabuun fayyadamuuf sochii taasisu yeroo kamiyyuu gammachuun akka fudhatan ibsanii jiru.

Dhaloonni dhiibbaa kamiyyuu hin fudhanneefi mirga isaatiif falmu uumamuun isaatiis bu’aa qabsoo keenyaa akka ta’e ni hubanna jedhan. Haata’umalee, Mootummaan keenya hanqina qabu hubatee tarkaanfii sirreeffamaa osoo fudhachaa jiruu dheekkamsi hawaasaa futta’ee ba’uusaatiin jeequmsi dhalate gochaafi bu’aan isaa gaddaafi godaannisa hamaa dhalootaaf kan dhiise ta’ee argamusaas dubbataniiru.

Jeequmsa kanaan lubbuu namaa lamuu deebi’uu hin dandeenyeefi qabeenyi, dafqi, beekumsiifi humni namaa guddaan horatameefi akka salphaatti debisuun hin danda’amne irbaata abiddaa ta’ee kan hafe ta’uusaa Kab obbo lammaan himanii jiru.

Misooma investimentii abbootii qabeenyaa dabalatee dhaabbileefi bu’uuronni misoomaa tajajila uummataatiif hundaa’an, dhaabbilee fayyaa uummataa kunuunsuuf hundaa’aniifi seera addunyaatiin akka hin tuqamneef daangeffaman osoo hin hafiin balaa kanaan baay’inaan barbadaa’uusaas himaniiru.

Kanaafuu, nageenya waaraa, ful’aafi amansiisaa uumuuf humni amansiisaan uumata waan ta’eef uummata wajjin mari’annee, yaadaaaafi gorsa fudhannee, rakkoon kun akka lammata hin deebineefi nageenyi keenya amansiisummaa olaanaa gonfatee akka itti fufu gochuuf dursa kenninee hojjechuun dhimma hojii ijoo mootummaa ta’ee kan itti fufudha jedhan.

Akkasumas, gaaffileen mirga misoomaafi bulchiinsa gaariitiin wal-qabatan uummata keenya biraa ka’aa turan hiikuuf xiyyeeffannaa addaatiin kan hojjetamu ta’uusaa Mootummaan naannoo Oromiyaa dubbataniiru.

Kanaafis, gaaffileefi fedhii misoomaa yeroo gabaabaa keessatti deebii argachuu danda’an dafnee deebisaa, kanneen furmaanni isaanii yeroo gaafatus uummata wajjin mari’annee karoora yeroo gabaabaafi giddu galeessaatiin deebisuuf isa darbe caalaa ciminaan akka hojjetamu ibsaniiru.

Haaluma kanaan, rakkoolee bulchiinsa gaarii jireenya uummata keenyaa guyyaa guyaan danqanii qaban sirriitti addaan baasnee hirmaannaafi miira abbummaa uummataatiin hiikuuf ilaalchaafi gochaa kiraasassaabdummaarratti hadheeffannee qabsaa’uudhaan olaantummaa ilaalcha misoomawaa uumuuf caasaa mootummaa keessatti miira tajaajiltummaa uummanni itti quufu mirkaneessuuf tumsa uummataatiin kutannoo addaatiin akka hojjetamuu qabus Kab.Obbo Lammaan dhaamaniiru. Caasaan mootummaa ergama isa cimaa kana sirriitti bahachuu haala isa dandeessisuun daran akka cimu akka taasifamus ibsaniiru.

Akkaataa aangoo mootummaa tajaji;la uummataatiif qofa ooluu dandeessisuufi qaawwa malaammaltummaa duuchuuf tarkaanfiin barbaachisaan ni fudhatama jedhanii jiru. Akkuma barbaachisummaa isaatti, sirreeffamni gurmaa’inaafi hoggansaas ni taasifama. Rakkoolee bulchiinsa gaarii hiikuuf tajaajila si’ataafi haqa qabeessa caasaalee mootummaa keeessatti sirriitti mirakaneessaauuf gaheen hojjetaa mootummaa ykn puublik servaantii murteessaa waan ta’eef humni kun miira tajajiltummaa isaa cimsee uummata haqaan akka tajaajilu daran jajjabeessuuf xiyyeeffannaan kan hojjjetamu ta’uusaa dubbataniiru.

Akka walii galaatti, mootummaan keenya rakkoolee hojimataa, gurmaa’inaa, ilaalchaafi gochaa sochii isaa danqanii qaban keessaa qulqullaa’ee ergama isaa bahachuu haala isa dandeessisuun uumaa ademuufi guutummaa guutuutti amantaa uummata argachuuf halkanii guyyaa akka hojjetan waadaa galanii jiru.

Adeemsa kana milkeessuuf abbootinn gadaa, Jaarsoliin biyyaafi abbootiin amantaa hawaasa keenya keessatti dhagahamaafi kabaja guddaa qaban humna nageenyaa cimaa ta’anii qooda isaanii akka gumaachaniifi beekumsaafi muuxannoo qabaniin dargaggoofi hawaasa walii gala akkasumas caasaalee mootummaa gorsuufi sirreessuudhaan akka nu bira dhaabbatan gochuuf waliin mari’achuufi wajjin hojjechuuf isa darbe caalaa qophaa’ummaa cimaan akka socho’an ibsanii jiru.

Hayyoonni barnoota olaanaas mootummaa bukkee dhaabbatanii dhimmoota ijoo naannoo keenyaarratti gahee isaanii akka bahan caalmaatti haala mijeessuufi xiyyeeffannaan hojjechuu akka itti fufanis Kab. Obbo Lammaan dubbataniiru.

Humna dargaggoo abdii biyyaa ta’eefi baratee gara hojiitti galuuf qophaa’aa jiru akka waliigalaattis, lakkoofsa humna namaa baay’ee dabalaa dhufaa jiruuf carraa hojii uumuuf hanga danda’ametti sochiin taasifamaa kan ture ta’us dargaggoon keenya carraa hojii gahaa argachuu dhabuufi kan hojii argates qaalomina jireenyaatiin rakkoofi dararama hamaaf saaxilamuun isaa ni beekama. Kanaafuu, mootummaan keenya rakkoo hoji-dhabdummaa dargaggootaa hiikuuf dursa kennee hojjechuuf yeroo kamiyyuu caalaa qophaa’ee jira. Gama kanaan tarkaanfii fudhatus cimsee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Dhimmoota qonnaan bultoota naannawaa magaalaa Finfinneefi Nannawaa magaalota Oromiyaa adda addaa jiraataniifi sababii misoomaatiin qabeenyaafi lafa isaaniirraa buqqa’an furruufi rakkoolee walitti bu’iinsa daangaa nannoo keenyaafi naannolee olla wajjin yeroo adda addaa uumaman qaamota dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan akka hiikaman gochuuf yeroo kamiyyuu caalaa kutannoon akka hojjetan Pirezidaanti obbo Lammaan ibsaniiru.

Akka waliigalaatti, kaayyoon keenya kan yeroo hundaa hin jijjiiramne mirga uummata keenyaa sadarkaa olaanaatiin kabachiisuudhaaf qabsoo farra hiyyummaa ciminaan itti fufsiisuu waan ta’eef nageenya amnsiisaa uumuu wajjin karoora guddinaafi tiraanisfoormeeshinii waggaa shanii kan marsaa lammeeffaa milkeessuuf qindoomina uummataafi mootummaatiin harka walqabannee hojjechuu itti fufna jedhaniiru.

Dhumarrattis Kab. Obbo Lammaan haala qabatamaa yeroo kana keessatti hijiin nu eeggatu baayyee guddaafi ulfaataadha. Rakkoon amma keessa jirru jibbaan wal-ilaaluufi dugda walitti galuudhaan ykn abbaan rakkoofi furmaataas qaama tokko yookiin mootummmaa qofa jedhanii yaaduun walirratti dagachuudhaan kan hiikamu akka hin taane dubbataniiru.

back to top
Bookmaker with best odds http://wbetting.co.uk review site.

Waa'ee Keenya

Qunnam..

1.ORTO

2.FANA

3.ERTA

4.ENA

5.WALTA

Qunam3...

1.AMBO

2.ADAMA

3.HAAROMAYAA

4.JIMMAA

5.NAQAMTEE

Qunam2...

Qunam1...