Menu
Prev Next
A+ A A-

Lammiileen qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an irra jireessi bakka duraatti deebi’uu hin fedhan- qorannaa

  • Rate this item
    (1 Vote)

 

 

 

Finfinnee, Sadaasa 8,2010 -Qorannoon koreen gargaarsaa fi deebisanii dhaabuu geggeesse akka muul’isutti lammiileen naannoo Somaalee Ityoophiyaarraa buqqa’an irra caalan isaanii bakka dhufanitti deebi’uu hin barbaadan.

Walitti qabaan korichaa Dooktar Abarraa Dheeressaan akka jedhanitti lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanii dhiisanii buqqa’an keessaa %97 bakka dhufanitti deebi’uu hin fedhan.

Akka qorannichaatti, lammiilee naannoo Somaaleerraa buqqa’an %3 hin caalle sababa qabeenya gurguddaa achii qabanii fi gartokkee maatii isaanii achitti dhiisanii waan buqqa’aniif garasitti deebi’uuf dirqamna jedhaniiru.

Lammiilee naannoo Somaalee Ityoophiyaarraa buqqa’an miidhaa isaanirra gahuu fi wabii waan hin qabneef garasitti deebi’uu hin feenu jechuu isaanii Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Oromiyaa addeessera.

Koreen gargaarsaa fi deebisanii dhaabuu lammiilee kunneen muuxannoo, dandeettii fi fedhii isaaniirratti hundaa’uun hojii deebisanii dhaabuu hojjechuuf hojii qorannoo odeeffannoo haala buqqaatota kanaa geeggeeffamaa jiru xumurarraa gahuu ifoomsera.

Lammiilee sababa walitti bu’iinsa kanaan naannoo daangaa Oromiyaatii buqqa’an bakka dhufanitti deebi’anii jiruufi jireenyasaanii akka geeggeeffataniif korichi hojjechaan jira jedheera.

Lammiileen naannoo Somaalee Ityoophiyaarraa qa’ee fi qabeenyasaanii dhiisanii dhufan 145,445 yoo ta’an, lammiileen naannoo daangaa Oromiyaa buqqa’an 458,488 walumatti lammiileen buqqa’an 603,933 akka ta’an ibsameera.

Lammiilee kunneen deebisanii dhaabuuf haaldureewwan barbaachisu mootummaa naannichaa wajjin ta’uun poteenshaala jiruu fi fedhiisaanii, muuxannoo fi ga’umsa isaanii irratti hundaa’uun yeroo gabaabaa keessatti hojiitti ni galus jedhameera.(FBC) 

Read more...

Labsiin Lafa Magaalaa ‘Liiziin’ Qabachuu fooyyeeffamuuf jedha

  • Rate this item
    (1 Vote)

 

 

 

Finfinnee, Sadaasa 8, 2010  Labsiin Lafa Magaalaa ‘Liiziin’ Qabachuu sadarkaa biyyaalessaatti hojiitti hiikamaa kan jiru ta’us, itti-fayadama lafaa biyyattii yeroo ammaa waliin wal-qabatee qaawwaaleen kan irratti mul’atan waan ta’eef akka fooyyeffamu ibsame.

Labsiin Lafa Magaalaa ‘Liiziin’ Qabachuu dursee hojiitti kan hiikame bara 1986tti yoo ta’u, itti-aansuunis fooyya’ee bara 1994 irratti hojiirra ooleera.  

Sochii dinagdee biyyattii keessatti keessumaa barbaachisummaan isaa lafa waliin wal-qabate dabaluusaan si’a sadaffaaf irra deebi’ee bara 2004tti fooyyefamuunsaa himameera.

Labsii Lafa Magaalaa ‘Liiziin’ Qabachuu Lakkoofsa 721/2004 waggaa ja’aan dura fooyyeffame kana akka yeroo isa duraa hunda sochiiwwan dinagdee biyyattii saffisaan waan guddateef akkasumas ‘dambiiwwanii’ fi qajeelfamoonni labsicha waliin ba’an rakkoo kan qaban waan ta’aniif fooyyessuun barbaachiseera.

Labsii kana irrattis qaawwaaleen seeraa mudatan fi dhimmoonni seera kanaa ala ta’anii hojiif rakkisaa turan ‘Ministeera’ Misoomaa fi Manneen Magaalaa fi dhaabbilee deggartootaan qorannoon adda ba’anii dhihaataniiru.

Faanaa Biroodkaastiing Korporeet ‘Ministeera’ Misoomaa fi Manneen Magaalaa waliin wal-tumsuun dhimmoota ‘sanada’ wixinee kanaaf galtee ta’an irratti har’a qaamolee qooda fudhattoota waliin wal-tajjii marii geggeesseera.

Waltajjii marii kanaarratti ‘Ministirri’ Misooma Magaalaa fi Manneenii Doktar Ambaachow Mokonnin fooyyeffamuun labsichaa fayyadamummaan haqaa lafaa biyyattiitti akka kabajamu dandeessisa jedhamee akka itti-amaname himaniiru.

Wayita ammaa lafti kan uummataa fi mootummaa waan ta’eef gaaffilee uummataa yero yerootti ka’aniif labsii deebii kennu qopheessuun dirqama ta’a kan jedhan ‘Ministeera’ Misooma Magaalaa fi Manneeniitti Hogganaa ‘Biiroo’ Misooma fi Bulchiinsa Lafaa Obbo Buzu’aalam Admaasuudha.

Sirreeffamuu labsichaaf sababadha kan jedhan qaawwaalee seera, qajeelfamaa fi ‘danbiis’ ibsaniiru.

Kunis labsichi kana dura lafa caal-baasiin dabarfamuuf malee waa’ee lafa ramaddiin dabarfamanii kennamanii qajeelfamaan waanti kaa’e jiraachuu hafuun hojii irratti qaawwaa uumeera jedhan.

Adeemsa caal-baasii ‘liiziin’ namni caal-baasii ba’e irratti hirmaatu tokko caal-baasiiwwan ba’an hundatti al-takkaatti iyyachuu akka danda’u ni-eyyama ture.

Haata’u malee, wixinee haaraa kun namni tokko caal-baasiiwwan ‘liizii’ yeroo wal-fakkaataa keessaa ba’an keessaa filatee tokko qofa akka dorgomu eereera.

Qabiyyeewwan invastimantii ilaalchisees labsicha irratti seerri dirqisiisaan jiraachuu dhibuun hojiif gufuu ta’eera jedhameera.

Karaa biraas keeyyati lafawwan ofiisaanii danda’anii misoomuu hin-dandeenye daangaa nama dhuufaa keessaatti dabaluuf eyyamu labsiitti waan hin-haammatamneef hojimaata irratti rakkoo akka ture wal-tajjiicha irratti ka’eera.

Waajjira ‘ministeerichaatti’ Hogganaan Biiroo Misoomaa fi Bulchiinsaa Obbo Buzu’aalam Admaasuu wixineeen sanadaa kun rakkoolee kanneenii fi isa fakkaataniif deebii kenneera jedhaniiru.

Qaamoleen qooda-fudhattoonni wal-tajjicha irratti himaatanis dhimmoota rakkisoodha, hiikaa gara-garaafis saaxilamoodha jedhan irratti ibsa gaafataniiru.

Labsichi tokkoon tokkoon keeyyataa keesssatti qajeelfamoonni fi ‘danbileen’ kan qophaa’aniif waan ta’eef of-eeggannoon akka fooyya’u eerameera.

‘Ministirri’ Misooma Magaalaa fi Manneenii Doktar Ambaachaw Makonnin gamasaaniin, qajeelfamootni labsicha irratti hundaa’uun ba’an, yaadota ogeeyyii irraa ka’an itti-dabaluun seerota wal-qabatan kaan waliin haala wal hin-faallessineen ni-fooyya’a jedhaniiru.

Saffisa guddina magaalotaan wal-qabatee sirna itti-fayyadama lafaa fooyyessuuf wixineen qophaa’e galteewwan barbaachisoo itti-dabaluun qaamolee isaan ilaallatuun erga ragga’ee booda hojiirra akka ooluuf hundumtuu gaheesaa akka taphatu ‘ministirichi’ gaafataniiru.

Labsii fooyyeffame sadarkaa wixineetti qophaa’e kana irratti dhaabbilee ‘federaalaa’ fi naannoo dhimmisaa isaan ilaallatu akkasumas qooda fudhattoonni irratti mari’atanii mana-maree ‘ministirootaa’ fi Mana-maree Bakka-buutota Uummataaf dhihaatee akka ragga’u eegama. Salamoon Xibabasillaaseetu gabaase.

Afaan hiikuu: Maarituu Galaalchaa  (FBC)

 

Read more...

Dhaabbilee Barnoota Olaanootti Qaamooleen Baruu fi Barsiisuu Gufachiisan Itti Gaafatamuu jedha Ministeerrii Barnootaa

  • Rate this item
    (0 votes)

[Oromiapo 07 03 10]:- Dhaabbilee barnoota olaanootti qaamooleen baruu fi  barsiisuu gufachiisan kan itti gaafataman tahuu Ministeerrii Barnootaa beeksise.

Ministirri Barnootaa Dr. Xilaayee Geexee,dhaabbilee barnoota olaanoo mootummaa 36 keessa barattoota kuma dhibba 7 oltu barnootasaanii hordofaa jira jedhaniru. Kana keessaa kumni 100 fi kumni 41 barana haaraa kan makamani ta'uu himaniru.

Haa ta'uutii dhaabbilee barnoota olaanoo tokko tokkotti haalli baruu fi barsiisuu akka guufatu barattoonni tokko tokko hojjechaa jiru jedhan Dr Xilaayeen.

Kunis irra ga'amuu isaa himanii, barattoonni akkanaa akka itti gaafatamaniif hunduu deeggarsa akka taasisus waamicha dhiheessaniiru.

Barattoonni barnoota isaanii tasgabbaa'anii akka baratan hiriyoonni, maatii fi lammiin hundi hirmaachuu qabas jedhan.

Maatin ilmaanisaanii hordofaa, hoggansi dhaabbilee barnoota olaanoos gaaffii humna isaanitii ol ta'e Ministeera Barnootaaf dhiyeessaa deebii akka argataniif hojjetamuu qaba jedhan Dr. Xilaayeen.

Barattoonni gaaffilee isaanii kaaraa seera qabeessa ta'een dhiyeessuu akka qabanis dhaamaniiru.

Kanaan ala nageenya dhaabbilee barnoota olaanoo booressuun baruu barsiisuu gufachiisuuf qaamolee socho'an saaxiluun akka itti gaafataman hojjechuun barbaachisaadha jedhan.

Barattoonni Yuunvarsiitii Mattuu fi Amboo gara dhufanitti akka deebi'an taasifamaa jira ololli jedhu dhara jedhan.

Barattootaa fi hoggansa waliin ta'uun rakkoolee jiran hiikuuf hojjetamaa akka jirus kaasaniiru, Dr. Xilaayeen ibsa laataniin.

Dhaabbileen barnoota olaanoo naannolee keessa jiraatanis hoggansa isaanii keessa naannoleen seenaa jiru kan jedhu sirrii miti; nageenyii fi tasgabbiin akka uumamuu fi qorannaan akka gaggeeffamuuf garuu deeggarsa ni taasisu jedhan.

Barattoonni Somaalee fi Oromoo yuunvarsitoota naannolee lamaanii keessatti barachaa turan rakkoon jiru amma furamutti yeoodhaf gara dhaabbilee kaanitti akka ramadaman kan murteesse Ministeera Barnootaati jedhaniiru.(OBN)

Read more...

Gaaffii Mirgaa Gaafachaa Barachuu, Barachaa Gaafachuun Qaroomina –Obbo Addisuu Araggaa

  • Rate this item
    (0 votes)

[Oromiapo 07 03 2010]:-  Gaaffiilee mirgaa karaa nagaa fi demokraatawaa ta'een gaafachaa barachuu, barachaa gaafachuun qaroomina.

Hogganaan Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa, barattoonni dhaabbilee barnoota ol'aanoo keessa jiran gaaffii mirgaa hedduu qaabachuu danda'du, qabus jedhan.

Gaaffilee mirgaa kana karaa nagaa fi demookraatawaa ta'een gaafachaa barachuu, barachaa gaafachuun qaroominas jedhaniiru.

Mootummaanis gaaffiin barattootaa furmaata akka argatu hojjetaa jira kan jedhan hoggantichi, kanaan alatti gaaffiiwwan mirgaa akka sababaatti tarreessuun barnoota addaan kutuuun, walitti bu'iinsaa fi okkora adda addaa keessa galuun kisaaraa guddaa ummata keenya irratti fidaan dhaamaniiru.

Barnoota addaan kutuun safartuu kamiiniyyuu tooftaa qabsoo ta'uu hin danda'u, barnoota addaan kutuun dukkana keessatti nama hambisas jedhan.

Barnoota addaan kutuun, qaamolee faayidaa, fedhii fi misoomni ummataa akka hin milkoofne hojjetan waliin hiriirudha jedhaniiru obbo Addisuun.

Dhaabbilee barnoota ol'aanaa keessatti walitti bu'iinsaa fi jeequmsa keessatti hirmaachuun, Oromummaa salphisuu akka ta'e hubatamuu qabas jedhan.(OBN)

Read more...

Koonfaransiin dhaabbattummaa DhDUO sadarkaa godina, aanaa fi magaalotaatti gaggeeffamuu eegale

  • Rate this item
    (1 Vote)

 

 

 

Finfinnee, Onkololeessa 27,2010 -Koonfaransiin dhaabbatumaa DhDUO 7ffaa sadarkaa godina, magaalaa, aanaalee fi gandoota naannoo Oromiyaa hundatti gaggeeffamu har’a eegaleera.

Onkololeessa 19 hanga 23,2010tti akka naannootti magaalaa Adaaamaa galma Abbaa Gadaatti koonfaransiin dhaabbattummaa DhDUO namoota 2000 ol hirmaachise gaggeeffamuun isaa ni yaadatama.

Hirmaattonni koonfaransichaas ibsa ejjannoo abbaa qabxii 10 baafachuun waltajjii isaanii xumuruun hin dagatamu.

Koonfaransiin dhaabbattummaa 7ffaa hoggansa DhDUO godinaa, magaalaa fi gandootaa waliin guyyoota sadiif turu kunis, gaaffiiwwan ummata Oromoo karaa siayaasaa, diingdee fi haawaasummaan jiru nagaa fi dimokraatawaan deebisuuf gargaara jedhameera.

Tokkummaa ummata Oromoo, walamantaa fi waldhaggeeffachuu ummamaa dhufe akka caraatti fayyadamuun, abdii ummatni hoggansa haaromsaa gubbaadhaa hanga dakaatti jiru irratti horachuu calqabe cimsuun qabsoo ummata Oromoo injifannoo cululqaatti ceesisuun murteessaa akka ta’ees ibsameera.(FBC)

Read more...
Bookmaker with best odds http://wbetting.co.uk review site.

Waa'ee Keenya

Qunnam..

1.ORTO

2.FANA

3.ERTA

4.ENA

5.WALTA

Qunam3...

1.AMBO

2.ADAMA

3.HAAROMAYAA

4.JIMMAA

5.NAQAMTEE

Qunam2...

Qunam1...