Leenjisaan Yohaannis Saahilee geggeeffaman
- font size decrease font size increase font size
Finfinnee: Ebila 20, 2008 (Oromia PO) Waggaa darbe ji’a Ebilaa jalqabee Garee Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Leenjisaa muummee ta’anii tajaajilaa kan turan Leenjisaan Yohaannis Saahilee hojii gadhiisan.
Faanaa Biroodkaastiing Korporeet maddootasaa Fedareeshinii Kubbaa Miillaa Itiyoophiyaa irraa akka mirkaneessetti leenjisaa muummee kana malee Itti-aanaan Leenjisaa Waaliyaawwanii Faasil Takkaaliny fi Leenjisaan Karra Eegdotaa Alii Radii geggeeffamaniiru.
Miseensonni koree teeknikaa biyyaalessaaa sochii waliigalaa garee biyyalessichaa gamaggamus hojii dhaabaniiru.
Geggeessa Leenjisaa Yohaannis Saahilee irratti odeeffannoowwan dabalataa argannu fuul-duratti isinii dhiheessina (FBC)