Menu
Prev Next
A+ A A-

Itiyoophiyaan Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa waggaa 20 gadii Poolaand sadaffaa taatee xumurte

 

 

 

Finfinnee, Adoolessa 18, 2008  Itiyoophiyaan Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa waggaa 20 gadii 16ffaa Poolaanditti geggeeffame sadaffaa taatee xumurte.

Itiyoophiyaan kaleessa warqee arfaffaa meetira 1,500 dubartootaa Atleet Adaanach Anbassaan argatteetti.

Dorgommii cufiinsaa kaleessa geggeeffame biraan meetira kuma 3 gufachiisaan Atleet Geetinnat waale si’a lama kufus biyyasaaf meedaaliyaa birrii argamsiiseera.

Shaampiyoonaa kanaan meetira kuma 5 dhiirotaan Atleet Solomoon Baragaa, meetira kuma 3 dubartootaan Atleet Bayyanuu Dagafuu akkasumas meetira kuma 5 dubartootaan Atleet Qaalkidaan Fantee Itiyoophiyaadhaaf meedaaliyaa warqee argamsiisaniiru.

Shaampiyoonaa kanaarratti Atleet Huwaalaayee Ballaxaa tarkaanfii meetira kuma 10 meedaaliyaa maaldaa argachuun biyyaasheef seenaa haaraa galmeessisuunshee kan yaadatamudha.

Dorgommii meetira kuma 10 dhiirotaa qabxiin itti eegamaa tureen Itiyoophiyaan meedaaliyaa hin arganne.

Meedaaliyaawwan warqee Itiyoophiyaan argatte arfan keessaa sadii kan argaman dubartootaani.

Shaampiyonaan Atleetiksii Addunyaa waggaa 20 gadii Poolaand kaleessa wayita xumuramu Itiyoophiyaan meedaaliyaawwan warqee 4, birrii 2 fi maaldaa 4n addunyaarraa sadaffaa , Afriikaa irraa ammoo lammaffaa taatee xumurteetti.

Ameerikaan meedaaliyaawwan warqee 11, birrii 6 fi maaldaa 4n tokkoffaa taatee wayita xumurtu, Keeniyaan warqee 5, birrii 2 fi maaldaa 2n lammaffaa taateetti.

Madda: www.iaaf.org/ (FBC)

back to top
Bookmaker with best odds http://wbetting.co.uk review site.

Waa'ee Keenya

Qunnam..

1.ORTO

2.FANA

3.ERTA

4.ENA

5.WALTA

Qunam3...

1.AMBO

2.ADAMA

3.HAAROMAYAA

4.JIMMAA

5.NAQAMTEE

Qunam2...

Qunam1...