Menu
Prev Next
A+ A A-

Lammiilen Sudaan Kibbaa kuma 26 ol torbee 2tti biyya isaanii gadhiisanii ba’aniiru

 
 
 

Finfinnee, Adoolessa 16,2008 – Dhaabbanni Mootummoota Gamtooman akka beeksisetti lammiilen Sudaan Kibbaa kuma 26 ol ta’an torbee lama keessatti biyya isaanitii gara Yugaandaatti baqataniiru.

Waldhabbiin Preezdaant Saalvaa Kiirii fi itti aanaa isaanii Riik jidduutti hammaataa deemuu isaatini lammiilen waraana uumamuu danda’u jalaa baqachaa kan jiran.

Koomiishinii Baqattoota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti odu himaa kan ta’an Aandiree Needihaam akka jedhanitti Juubaatti tasgabbiin ammi ta’e jiraatus jiraattonni garuu biyya isaanii gadi lakkisanii baqachaa jiru.

Kanneen keessaa ammoo 90% daa’immanii fi dubartoota.

Odeeffannoowwan dhagahamaa jiran akka muul’isanitti kutaa bulchiinsa biyyattii kibbaatti ammas waldhabbiin itti fufeera.(FBC)

back to top
Bookmaker with best odds http://wbetting.co.uk review site.

Waa'ee Keenya

Qunnam..

1.ORTO

2.FANA

3.ERTA

4.ENA

5.WALTA

Qunam3...

1.AMBO

2.ADAMA

3.HAAROMAYAA

4.JIMMAA

5.NAQAMTEE

Qunam2...

Qunam1...